Topicsadarkaaleefii naamusoota
288 hadiths
288 hadiths
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Rabbi ol ta’e akkana jedha: Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira, yoo inni lubbuu ofii keessatti na yaadate, anis of keessatti isa yaadadha, yoo inni jamaa'aa keessatti na yaadate, ani immoo jamaa'aa sana irra caalaa keessatti isa yaadadha, yoo inni hanga taakkuu tokkoo natti dhihaate ani immoo dhundhuma tokkoon itti dhihaadha, yoo inni dhundhuma tokkoon natti dhihaate, ani hanga bal'ina harkaatin itti dhihaadha, yoo inni deemaa natti dhufe, ani immoo suksukaa itti dhufa».Bukharif muslim irratti waliigalan