Hadith for the World
Tap the image to view it full size
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe:

Available in 60 languages
«Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartii warra Ansaaraa irraa taate tan Ibnu Abbaas maqaa isii dhawee, ani maqaa ishee dagadheen akkas jedhan: "Maaltu nu waliin hajjuu si dhoorge?" Isheenis akkana jette: Gaala waraabbii lama qofa qabna turre, abbaan ilma ishee fi ilmi ishee gaala tokkoon hajjii godhanii, Gaala tokko ammoo akka bishaan ittiin waraabbannuuf nuuf dhiise, isaanis akkas jedhaniin: «yeroo Ramadaanni dhufe umraa godhi, Umraan Ramadaana keessaa Hajjitti qixxoofti».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahamanni irra haa jiraatu- Hajjii dhaamannaa irraa yeroo deebi’an, dubartii warra Ansaaraa tan hajjii hin godhin wahiitiin akkana jedhan: Maaltu nu waliin hajjuu si dhoorge? Gaala lama kan qaban yoo ta'u, abbaan manaa ishee fi ilmi ishee tokko irratti hajjii godhanii, isa kaan immoo Eela irraa bishaan akka ittiin waraabbataniif kan isaanif dhiise ta'uun rakkoo himatte. Nabiyyiin -nagayaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- ji’a Ramadaanaa keessa umraa gochuun mindaa Hajjii waliin wal qixa ta’uu itti himan.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality