Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Bakraa irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas naan jedhani:

Available in 65 languages
«Abuu Bakraa irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas naan jedhani: “Dammaqaa! cubbuu gurguddaa isiniif himuu?” Yeroo sadii akkana jedhan, Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii nuuf himaa, ni jedhan: "Allaahitti sharraksiisuu fi hadhaa abbaaf galata dhabuu" irkatanii turanii ol jedhanii taa'anii akkana jedhan: "Dammaqaa, ammaas Haasaa sobaati", ni jedhe: Osoo callisanii hanga nuti jennutti isii deddeebisuu irraa hin deemne.»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waa’ee dilii gurguddaa sahaabota isaanitti himani, waa sadan kana eeraniiru: 1.Allaahitti Sharraksiisuu: innis gosoolee ibaadaa keessaa gosa kamiyyuu Allaahin alatti kan biraaf kennuudha, akkasumas gabbartii, gooftummaa, maqoolee fi sifoowwan Isaa keessatti Allaahitti waan biraa qixxeessuudha. 2. Haadhaa fi Abbaaf galata dhabuudha: Kunis Miidhaa kamiiyyuu Dubbiidhaanis ta’ee gochaan qaqqabsiisuudha, akkasumas gara laafessa isaaniif ta’uu dhiisuudha. 3. Ragaa sobaa dabalatee jecha sobaati: Kunis hunduma jecha sobaa fi kijibaa kan namicha irratti jedhame horii isaa fuudhuun ykn kabajaa isaa balleessuun daangaa irratti darbuun ykn kan sana faakkaatuun isa miidhuun itti yaadameedha. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha sobaa irraa sodaachisuu dhugumatti itti deddeebi’anii dubbaatani, fokkina isaati fi dhiibbaa badii kan inni hawaasa irratti qabu akeekkachiisuuf jecha, hanga sahaabonni isaanii akkana jedhan takkatti: silaa osoo ofirraa callisanii; isaanif dhiphachuu fi isaan rakkisuu sodaaf jecha.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality