Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan:

Available in 59 languages
«Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: “Fuynaan biyyetti haa maxxanu, eegasii Fuynaan biyyetti haa maxxanu, eegasii Fuynaan biyyetti haa maxxanu, akkas jedhame: Eenyu? Yaa Ergamaa Rabbii! akkana jedhan: «Nama abbaa fi haadha isaa tokko ykn lamaan isaanii bakka dulluma isaanitti dhaqqabee, sababaa saniin jannata hin seenini».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- abaarsa salphinaa fi xiqqeenyaa taasisan, hanga akka waan funyaan isaa biyyee keessa kaa’e ta'utti -yeroo sadii irra deebi’anii abaaran- ni gaafataman: Yaa Ergamaa Rabbii inni isin irratti kadhattan kun eenyu? nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jechuun deebii kennan: Nama abbaa fi haadha isaa - tokkoo isaanii ykn isaan lachuu- bakka dulluma isaanitti dhaqqabatee - jannata seenuuf sababaa isaaf hin ta'aniidha, sunis sababaa inni isaanitti tola ooluu dhabee isaanitti mataa jajjabaachuutiini.

Source
Muslimtu gabaase
Download image

Saved at original quality