Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Muusaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

Available in 54 languages
«Abuu Muusaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti», Jecha Muslim tokko keessatti: «Fakkeenyi mana Rabbiin keessatti zakkaramuu fi hin zakkaramnee akka nama warra jiranii fi warra du’aniiti».»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- garaagarummaan nama Rabbii ol ta'e yaadatuu fi hin yaadanne gidduu jiru faayidaa qabaachuu fi bifti isaa toluu keessatti akka garaagarummaa nama lubbuu qabuu fi nama du’ee gidduu jiruu akka ta'e ibsan. Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu akka nama gubbaan isaa ifa jireenyatiin, keessoon isaa immoo ifa beekumsaatiin faayameeti, Fakkeenyi nama Rabbiin hin zakkarree akka nama du’ee gubbaan isaa faayidaa hin qabne, keessoon isaa sobaan guutamee fi isa keessa bu'aan tokkolleen hin jirreeti. Akkasuma manni tokko jiraattonni isaa Rabbiin yoo yaadatan jiraa jedhamee ibsama, akkasta’uu baannaan inni mana du'aadha, jiraattonni isaa waan Rabbi zakkaruu irraa dagataniif jecha, Mana ibsuu keessatti kan jiruu fi kan du’e jechuutti kan fedhame jiraataa manaati.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality