Hadith for the World
Tap the image to view it full size
sadarkaaleefii naamusoota

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

Available in 70 languages
«Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Jechoota lama kan arraba irratti laafoo ta'an, miizaana irratti ulfaatoo ta'an, Rahmaaniin biratti jaallatamoo ta'an: Subhaanallaahil Aziim, Subhaanallaahi wa bihamdih".»

Meaning translation ·

Explanation

The meaning in a few plain lines

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechoota lama kan ilmi namaa rakkoo tokko malee haala kamuu keessatti isaan dubbachuu akka danda'u, mindaan isaanii immoo miizaana irratti dhugumatti guddaa akka ta'ee fi Rabbiin keenya Rahmaan kan isaan jaallatu ta'uudha himan. Subhaanallaahi al-aziimii fi subhaanallaahi wa bihamdihii jechuudha, Rabbiin guddinaa fi guutummaan wassafuu fi hirdhina irraa Isa qulqulleessuu waan of keesssatti qabataniif jechaadha.

Source
Bukharif muslim irratti waliigalan
Download image

Saved at original quality