Hadith for the World

All hadiths

The complete card collection, filter by chapter

655 hadiths

Jaabir bin Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname: Imala ji'a tokkoo irraa diinni na sodaachuunin tumsame, dachiin iddoo salaataa fi xaaharaa naaf taasifamte, Kanaaf ummata kiyya irraa namni kamuu kan salaanni itti geesse haa salaatuu, boojuun anaaf halaala ta'e, na dura nama kamiifuu halaala hin turre, shafaa'aan naaf kenname, Nabiyyiin tokko yeroo ergamu ummata isaa qofatti ergama, ani immoo walumaa galatti namootaaf ergame».Bukharif muslim irratti waliigalan
عن أنس بن مالك رضي الله عنه مرفوعًا: «من قال -يعني: إذا خَرج من بَيتِه-: بِسم الله تَوَكَّلتُ على اللهِ، وَلاَ حول ولا قُوَّة إِلَّا بالله، يُقَال له: هُدِيتَ وَكُفِيتَ وَوُقِيتَ، وَتَنَحَّى عَنه الشَّيطَان». زاد أبو داود: «فيقول -يعني: الشيطان- لِشَيطان آخر: كَيف لَك بِرَجلٍ قَد هُدِيَ وكُفِيَ ووُقِيَ؟».رواه أبو داود والترمذي
عن معاذ بن جبل رضي الله عنه عن رسول الله صلى الله عليه وسلم أنه قال: «قَالَ اللهُ -عَزَّ وجَلَّ-: المُتَحَابُّون فِي جَلاَلِي، لَهُم مَنَابِرُ مِن نُورٍ يَغْبِطُهُم النَبِيُّونَ والشُهَدَاء».رواه الترمذي وأحمد
Mu'aaz bin Jabal irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- harka isaa qabanii akkas jedhaniin: «Yaa Mu'aaz Rabbitti kakadhee ani si jaalladha», eegasii akkas jedhaniin: «Siifin Dhaama yaa Mu'aaz xumuura salaata hundatti akkas jechuu hin dhiisin: Yaa Rabbi si yaadachuu, si galateeffachuu fi akka gaariitti si gabbaruu irratti na gargaari».رواه أبو داود والنسائي وأحمد
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Rabbiin akkas jedhe: Sooma malee hojiin ilma Aadam hundi isaaf ta’a, soomni anaaf ta'a, anaatu isaan mindeessa, Soomni gaachana, Guyyaan sooma tokkoo keessanii yeroo argame, waan hin taane hin haasa'in, hin iyyin, namni tokko yoo isa arrabse, ykn yoo loleen ani sooma qaba haa jedhuun, Isa Nafseen Muhammad harka isaa jirtuun kakadhee, urgaa afaan nama soomanaatu urgooftuu miskii caalaa Rabbi biratti urgaaya, nama soomuf gammachuu lamaatu jira: Yeroo sooma hiike ni gammada, yeroo Rabbii isaa qunname sooma isaatin gammada».Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni yookaan dhaabni yookaan dhagaan gidduu isaaniitti haguugde eegasii ammas yoo isa qunname salaamtaa isaan haa jedhu».abuu daawud odeesse
Abuu Muusaa al-ash'arii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama".Bukhaariitu gabaase
Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhanin dhaga'e: "Irra caalaan zikriidhaa: "Laa ilaaha illallaah" jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: "Alhamdulillaah" jechuudha".tirmizii, nasa'ii kubraa keessatti odeesse. ibnumaajahis odeesse
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Waan Rabbiin diliiwwan isaan haqee sadarkaalee isaan ol kaasutti isin qajeelchuu?» ni jedhan: Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii, isaanis ni jedhan: «wuduu’a osoo namatti jabaatuu waliin gahuun raawwachuu, gara masjiidotaatti tarkaanfii baay'isuu fi salaata booda salaata biraa eeggachuudha, suni hidhannaa cimaa».Muslimtu gabaase
Abuu Dardaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Hojiilee keessan keessaa irra caalaa isiniif himuu, akkasumas Rabbii keessaniin biratti irra qulqulluu ishee, sadarkaa keessan ol kaasuu keessatti irra ol aantuu ishee, warqee fi meetii kennachuu irra caaltuu kan taate fi diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuu fi isaanis morma keessan rukutuu irra caaltuu kan taate isiniif himuu?» ni jedhan: Eeyyee. Isaanis ni jedhan: «Rabbii ol ta'e zakkaruudha».tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
Suleemaan bin Surad irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wajjiin taa'aa ture, namoonni lama arrabsanii, tokkoo isaanii fuulli isaa diimatee, ujummoo dhiigaa isaa iita'ee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture, osoo akkas jedhee: Sheyxaana irraan Rabbitti maganfadha, silaa rakkinni kun irraa deema ture», sahaboonnis namichaan akkas jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas siin jedhan: «Sheyxaana irraa Rabbiitti maganfadhu», innis ni jedhe: maraatumni natti jiraa moo?Bukharif muslim irratti waliigalan
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: ''Jannanni gara tokkoo kessaniitti Haada kophee keessanii irra dhihaatti, ibiddis akkasuma''.Bukhaariitu gabaase
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضيَ اللهُ عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «الدُّنْيَا سِجْنُ الْمُؤْمِنِ وَجَنَّةُ الْكَافِرِ».رواه مسلم
Abuu Qataadaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Abjuun gaariin Rabbi biraati, abjuun badaan immoo Sheyxaana irraayi, tokkoon keessan abjuu isa sodaatu yeroo arge gara bitaa isaatti haa tufee, sharrii isaa irraa Rabbitti haa maganfatu, akkas godhe taanan inni isa hin miidhu».Bukharif muslim irratti waliigalan
عن عبد الله بن عمرو بن العاص رضي الله عنهما أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: «يَغْفِرُ الله للشَّهيد كُلَّ شيءٍ إلا الدَّين». وفي رواية له: «القَتْل في سَبِيل الله يُكَفِّر كلَّ شيءٍ إلا الدَّين».رواه مسلم
Abuu hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Salaatowwan shanan, Jumu'aan hanga Jumu'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti, waan isaan gidduutti raawwatame ni haqan yoo badii gurguddoo irraa fagaatame".Muslimtu gabaase
عَنْ عَبْدِ اللهِ بْنِ مَسْعُودٍ رَضيَ اللهُ عنهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنَّهُ كَانَ يَقُولُ: «اللهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ الْهُدَى وَالتُّقَى، وَالْعَفَافَ وَالْغِنَى».رواه مسلم
عن أبي هريرة، عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: «إن العبد لَيَتَكَلَّمُ بالكلمة من رِضْوَانِ الله تعالى ما يُلْقِي لها بَالًا يَرْفَعُهُ الله بها درجاتٍ، وإن العبد لَيَتَكَلَّمُ بالكلمة من سَخَطِ الله تعالى لا يُلْقِي لها بَالًا يَهْوِي بها في جهنم». وعن أبي عبد الرحمن بلال بن الحارث المزني رضي الله عنه : أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: «إن الرجل لَيَتَكَلَّمُ بالكلمة من رِضْوَانِ الله تعالى ما كان يظن أن تبلغ ما بَلَغَتْ يكتب الله له بها رِضْوَانَهُ إلى يوم يَلْقَاهُ، وإن الرجل لَيَتَكَلَّمُ بالكلمة من سَخَطِ الله ما كان يظن أن تبلغ ما بَلَغَتْ يكتب الله له بها سَخَطَهُ إلى يوم يَلْقَاهُ».حديث أبي هريرة -رضي الله عنه-: رواه البخاري. حديث بلال المزني -رضي الله عنه-: رواه الترمذي وابن ماجه ومالك وأحمد
عن أبي هريرة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: «إنَّ في الجنَّة مائةَ دَرَجَة أعَدَّهَا الله للمُجاهِدين في سَبِيل الله ما بَيْنَ الدَّرَجَتَيْنِ كما بين السماء والأرض».رواه البخاري
عن جابر رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول: «إن في الليل لساعة، لا يُوَافِقُهَا رجُلٌ مُسلم يَسأل الله تعالى خيرًا من أمْرِ الدنيا والآخرة، إلا أعْطَاه إِياه، وذلك كُلَّ ليلة».رواه مسلم
عن أبي هريرة رضي الله عنه : أن رجلًا أتى النبي صلى الله عليه وسلم يَتَقَاضَاهُ فَأغْلَظَ له، فَهَمَّ به أصحابه، فقال رسول الله صلى الله عليه وسلم : «دَعُوه، فإن لِصَاحب الحَقِّ مَقَالا» ثم قال: «أعْطُوهُ سِنًّا مِثْل سِنِّهِ» قالوا: يا رسول الله، لا نَجِدُ إلا أمْثَلَ مِنْ سِنِّهِ، قال: «أعْطُوه، فإن خَيْرَكم أحْسَنُكُم قَضَاء».متفق عليه
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Rabbi ol ta’e akkana jedha: Ani yaada gabricha koo bira jira, yeroo inni na yaadatu isa waliin jira, yoo inni lubbuu ofii keessatti na yaadate, anis of keessatti isa yaadadha, yoo inni jamaa'aa keessatti na yaadate, ani immoo jamaa'aa sana irra caalaa keessatti isa yaadadha, yoo inni hanga taakkuu tokkoo natti dhihaate ani immoo dhundhuma tokkoon itti dhihaadha, yoo inni dhundhuma tokkoon natti dhihaate, ani hanga bal'ina harkaatin itti dhihaadha, yoo inni deemaa natti dhufe, ani immoo suksukaa itti dhufa».Bukharif muslim irratti waliigalan
Shurayh bin Haani’i irraa akka odeeffametti akkana jedhe: Aa'ishaa akkana jedhee gaafadhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo mana isaanii seenan maalin eegalan? Isheenis akkana jette: Siwaakani.Muslimtu gabaase