Hadith for the World

All hadiths

The complete card collection, filter by chapter

655 hadiths

عن أنس بن مالك رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : «للَّهُ أَفْرَحُ بِتَوْبَةِ عَبْدِهِ مِنْ أَحَدِكُمْ، سَقَطَ عَلَى بَعِيرِهِ، وَقَدْ أَضَلَّهُ فِي أَرْضِ فَلاَةٍ». وفي رواية: «لَلَّهُ أَشَدُّ فَرَحًا بِتَوْبَةِ عَبْدِهِ حِينَ يَتُوبُ إِلَيْهِ، مِنْ أَحَدِكُمْ كَانَ عَلَى رَاحِلَتِهِ بِأَرْضِ فَلَاةٍ، فَانْفَلَتَتْ مِنْهُ وَعَلَيْهَا طَعَامُهُ وَشَرَابُهُ، فَأَيِسَ مِنْهَا، فَأَتَى شَجَرَةً، فَاضْطَجَعَ فِي ظِلِّهَا، وقَدْ أَيِسَ مِنْ رَاحِلَتِهِ، فَبَيْنَا هُوَ كَذَلِكَ إِذَا هُوَ بِهَا، قَائِمَةً عِنْدَهُ، فَأَخَذَ بِخِطَامِهَا، ثُمَّ قَالَ مِنْ شِدَّةِ الْفَرَحِ: اللهُمَّ أَنْتَ عَبْدِي وَأَنَا رَبُّكَ! أَخْطَأَ مِنْ شِدَّةِ الْفَرَح».متفق عليه والرواية الأولى لفظ البخاري، والرواية الثانية لفظ مسلم
Abuu Muusaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Rabbiin ol tahe namni guyyaa dilii dalage akka tawbatuuf harka isaa halkan diriirsa, namni halkan dilii dalage akka tawbatuuf guyyaa harka isaa diriirsa, Hanga aduun dhiha irraa baatutti».Muslimtu gabaase
Abuu Sa'iid Al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Nama guyyaa tokko karaa Rabbii keessatti soome Rabbiin woggaa torbaatama fuula isaa ibidda irraa fageessa».Bukharif muslim irratti waliigalan
Sahl ibnu Sa'ad irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namoonni afxira hanga ariifachiisanitti toltuu irratti ta'uu irraa hin deemani».Bukharif muslim irratti waliigalan
Zayd ibnu Saabit irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyii woliin suhuura goonee -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eegasii salaataaf dhaabbatani, ani nan jedhe: azaana fi suhuura gidduu hangam ture? isaanis hanga Aayaa shantamaati jedhe.Bukharif muslim irratti waliigalan
Aa'ishaa haadha Mu'umintootaa haadha manaa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan taate irraa akka odeeffametti -Rabbi ishee irraa haa jaallatu-: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga Rabbiin lubbuu isaanii fuudhetti ramadaana irraa kurneessituu dhumaa keessa i'itikaafa seenaa tureani, eegasii immoo haadholiin manaa isaanii booda isaaniitii i'itikaafa seenaa turani.Bukharif muslim irratti waliigalan
Anas Ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Suhuura nyaadhaa, suhuura keessa barakaatu jiraa".Bukharif muslim irratti waliigalan
عَنْ جَابِرِ بْنِ عَبْدِ اللَّهِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُما قَالَ: كَانَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي سَفَرٍ، فَرَأَى زِحَامًا وَرَجُلًا قَدْ ظُلِّلَ عَلَيْهِ، فَقَالَ: «مَا هَذَا؟»، فَقَالُوا: صَائِمٌ، فَقَالَ: «لَيْسَ مِنَ البِرِّ الصَّوْمُ فِي السَّفَرِ»، وَفِي لَفْظٍ لِمُسلِمٍ: «عَلَيْكُمْ بِرُخْصَةِ اللهِ الَّذِي رَخَّصَ لَكُمْ».متفق عليه
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لَا تَقَدَّمُوا رَمَضَانَ بِصَوْمِ يَوْمٍ وَلَا يَوْمَيْنِ إِلَّا رَجُلٌ كَانَ يَصُومُ صَوْمًا فَلْيَصُمْهُ».متفق عليه
عَنِ ابْنِ عُمَرَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا قَالَ: فَرَضَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ زَكَاةَ الفِطْرِ صَاعًا مِنْ تَمْرٍ، أَوْ صَاعًا مِنْ شَعِيرٍ، عَلَى العَبْدِ وَالحُرِّ، وَالذَّكَرِ وَالأُنْثَى، وَالصَّغِيرِ وَالكَبِيرِ مِنَ المُسْلِمِينَ، وَأَمَرَ بِهَا أَنْ تُؤَدَّى قَبْلَ خُرُوجِ النَّاسِ إِلَى الصَّلاَةِ.متفق عليه
عن أبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لَا يَحِلُّ لِامْرَأَةٍ مُسْلِمَةٍ تُسَافِرُ مَسِيرَةَ لَيْلَةٍ إِلَّا وَمَعَهَا رَجُلٌ ذُو حُرْمَةٍ مِنْهَا».متفق عليه
عن عائشة وأم سلمة رضي الله عنهما «أن رسول الله صلى الله عليه وسلم كان يُدْرِكُهُ الفجر وهو جُنٌبٌ من أهله، ثم يغتسل ويصوم ».متفق عليه
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «مَنْ نَسِيَ وَهُوَ صَائِمٌ، فَأَكَلَ أَوْ شَرِبَ، فَلْيُتِمَّ صَوْمَهُ، فَإِنَّمَا أَطْعَمَهُ اللهُ وَسَقَاهُ».متفق عليه
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Jaalalleen koo Nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, waan sadii akkan hojjedhu naaf dhaaman: ji’a ji’aan guyyaa sadii soomuu, raka’aa lamaan salaata Duhaa salaatuu fi osoon hin rafiin dura salaata witrii salaatuudha.Bukharif muslim irratti waliigalan
عَنْ عَائِشَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهَا أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «تَحَرَّوْا لَيْلَةَ القَدْرِ فِي الوِتْرِ مِنَ العَشْرِ الأَوَاخِرِ مِنْ رَمَضَانَ».متفق عليه
عن عمر بن الخطاب رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : «إذا أقبل الليل من هَهُنا، وأَدْبَرَالنهار من ههنا، فقد أفطر الصائم».متفق عليه
Ibnu Umar irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- akkana kan jedhu dhaga'e: «Yeroo isa argitan soomaa, ammas yeroo isa argitan sooma keessan hiikaa, yoo duumessa ta’e immoo tilmaaman deemaa».Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Rabbiin suuraa keessanii fi qabeenya keessan hin ilaalu, garuu kan Inni ilaalu qalbii keessanii fi hojii keessani".Muslimtu gabaase
Umar ilama Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, namichi kan argatu woma niyyate qofa, namni godaaansi isaa gama Rabbiitii fi Ergamaa Isaatti ta'e, godaansi isaa gamuma Rabbiitii fi Ergamaa Isaati, namni godaansi isaa duuniyaa argachuuf yookaan dubartii fuuchuuf ta'e, godaansi isaas gamuma waan itti godaaneeti ta'a". Jecha Bukhaarii tokko keessatti: "hojiin kamuu kan madaalamu niyyaadhaani, hunda namaatiifuu woma niyyate qofaatu isaaf jira".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Al-Hawraa Al-Sa'adii irraa akka odeeffametti akkana jedhe: akkana jedhe: Al-Hasan bin Aliyyiitin -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkanan jedheen: Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- maal haffazte/sammutti qabatte? innis ni jedhe: Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kanan haffaze: «Wanta shakkitu dhiisii, gara waan hin shakkinee deemi, dhugumatti dhugaan tasgabbii dha, sobni immoo shakkii dha».رواه الترمذي والنسائي وأحمد
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahamnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala, sababni isaas namni tokko akka gaaritti yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee waan hojjatu tokko kan hin qabne gara masjiidaa dhufee, salaata qofa malee waan biraa kan hin feene, inni hanga masjiida seenutti tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalee, diliin isaa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seene waan salaatni waan biraa irraa kan isa daangessu ta'een inni salaatuma keessa jira, Malaa'ikoonnis hanga inni eddoo itti salaate sana keessa jiruun akkana jechuu araarama isaaf kadhatan: Yaa Rabbi isaaf rahmata godhi, yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi towbaa isa irratti deebi'i, waan inni miidhaa hin geessisiniin, ammas waan inni wuduu'a isaa hin balleessiniin”.Bukharif muslim irratti waliigalan
Abdullaah bin Umar irraa odeeffamee Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ceekuu koo na qabanii akkana jedhan: «Adunyaa kana irratti akka keessummaa ykn nama karaa dabruu ta’i», Ibnu Umar akkana jedha ture: Yeroo galgaleeffatte ganama hin eegin, yoo ganameeffatte immoo galgala hin eegin, osoo hin dhukkubsatin fayyaa keetti fayyadami, osoo duuti sitti hin dhufin jiruu keetti fayyadami.Bukhaariitu gabaase
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani: «WalIitti hin inaaffisinaa, wal danquu jettanii gatii bittaa kenname irratti gatii biraa hin kenninaa (caalbaasii wolirratti hin seeninaa), wal hin jibbinaa, dugdas walitti hin galinaa (waliin hin oodinaa), gariin keessan gurgurtaa garii keessanii irratti hin gurgurinaa, gabroottan Rabbii obboleewwan ta’aa, muslimni obboleessa muslimaati, isa hin miidhu, isa hin xiqqeessu(bakka isaaf tumsamuu qabutti isa irraa hin dheessu), isa hin tuffatu, Rabbiin sodaachuun as jira" si’a sadi qoma isaaniitti akeekaa "namichaaf obboleessa isaa muslimaa xinneessuun, hamtuudhaaf isaaf ga’aadha, hundi muslimaa muslima irratti haraama, dhiigni isaa, qabeenyi isaa fi kabajaan isaas».Muslimtu gabaase
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-: Namtichi tokko Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- na gorsi jedheen: (Nabiyyiinis): "Hin dallanin" jedhaniin, gurbichi irra deddeebi'ee gaafannaan, isaanis deebi'anii akkana jedhaniin: "Hin dallanin".Bukhaariitu gabaase