Topicsadarkaaleefii naamusoota
288 hadiths
288 hadiths
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani: «WalIitti hin inaaffisinaa, wal danquu jettanii gatii bittaa kenname irratti gatii biraa hin kenninaa (caalbaasii wolirratti hin seeninaa), wal hin jibbinaa, dugdas walitti hin galinaa (waliin hin oodinaa), gariin keessan gurgurtaa garii keessanii irratti hin gurgurinaa, gabroottan Rabbii obboleewwan ta’aa, muslimni obboleessa muslimaati, isa hin miidhu, isa hin xiqqeessu(bakka isaaf tumsamuu qabutti isa irraa hin dheessu), isa hin tuffatu, Rabbiin sodaachuun as jira" si’a sadi qoma isaaniitti akeekaa "namichaaf obboleessa isaa muslimaa xinneessuun, hamtuudhaaf isaaf ga’aadha, hundi muslimaa muslima irratti haraama, dhiigni isaa, qabeenyi isaa fi kabajaan isaas».Muslimtu gabaase
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: "Namni mu'umina tokko irraa rakkoo duuniyaa irraa rakkoo tokko fure, Rabbiin rakkoo tokko kan rakkoolee guyyaa qiyaamaa irraa ta'e isa irraa fura, nama nama rakkatetti laaffise Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isatti laaffisa, nama muslima tokko sattare Rabbiin duuniyaa fi Aakhiraatti isa sattara, hanga garbichi obboleessa isaa gargaaruu irra jiraatetti Rabbiinis gargaarsa garbicha isaa irra jira, beekumsa barbaachaaf jecha nama karaa bu'e Rabbiin isaan karaa jannataa isaaf laaffisa, hawaasni tokko kitaaba Rabbii qara'uu fi gidduu isaaniitti wol barsiisuuf jecha manneen Rabbii keessaa mana tokkotti wolitti qabamaniiru taanan hanga tasgabbiin isaan irratti bu'ee, rahmanni isaan haguugee, malaa'ikaan isaan marsitee, Rabbiin worra isa bira jiranu biratti isaan dubbatu malee hin hafu, nama hojiin isaa booda isa aanse firri isaa isa ariifachiisuu hin danda'u".Muslimtu gabaase