Hadith for the World
Topic

aqiidaa

135 hadiths

135 hadiths

Abuu Barzaa al-aslamii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. "Miilli gabrichaa lamaan guyyaa qiyaamaa hin sochootu, umrii isaa maal keessatti akka fixe, beekumsa isaa maal akka itti hojjete, qabeenya isaa eessarraa akka carraaqee fidee fi maal keessatti akka isa baasee fi qaama isaa maal keessatti akka fixe irraa hanga gaafatamutti".tirmizii odeesse
عن أبي هريرة رضي الله عنه مرفوعاً: «لما خلق اللهُ الخَلْقَ كتب في كتاب، فهو عنده فوق العرش: إن رحمتي تَغْلِبُ غضبي». وفي رواية: «غَلَبَتْ غضبي» وفي رواية: «سَبَقَتْ غضبي».متفق عليه
Nu'umaan bin Bashiir irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: "Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humni tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abdullaah bin Masu'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedheetiin gaafadhe: Rabbiin biratti dilii kamiitu irra guddaadha? isaanis akkana jedhan: “Osoo inni si uumee jiruu, Rabbiif fakkaataa gochuudha” anis nan jedhe: sun waan guddaadha. ammas nan jedhe: Eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “Ilma kee si waliin nyaachuu sodaaf jecha ajjeesuudha", nan jedhe: eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “haadha manaa ollaa keetitti sagaagalummaa raawwachuudha”.Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Ayyuub Al-ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Nama tokkoof halkan sadi'ii ol obboleessa isaatiin ooduun hin eeyyamamuuf, yeroo wol araganutti kunis irraa garagala sunis irraa garagala, irra caalaan isaanii isa salaamataan eegalu".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Sirmaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Nama miidhe Rabbiin isa miidha, akkasumas nama rakkise Rabbiin isa rakkisa".abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan
Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isa irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Namni boqoo of rukute, kan uffata cicciree fi kan waamicha wallaalummaa waammate nu irraa miti».Bukharif muslim irratti waliigalan
عن أبي أمامة رضي الله عنه قال: سمعتُ رسولَ اللهِ صلى الله عليه وسلم يقولُ: «اقْرَؤُوا القرْآنَ؛ فَإنَّهُ يَأتِي يَوْمَ القِيَامَةِ شَفِيعًا لأَصْحَابِهِ».رواه مسلم
عن جابر بن عبد الله رضي الله عنهما قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : «يُبْعَثُ كلُّ عبدٍ على ما مات عليه».رواه مسلم
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “Mu'uminni cimaatu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala, irra jaallatamaasi, haa jennuu malee hunduma keessa kheyriin ni jira, waan si fayyadu irratti bololi, Rabbiin gargaarsifadhu malee hin dadhabin, wanti ati hin jaallanne wahii yoo si mudate, osoon akkasii fi akkas godhee silaa akkasii fi akkas ta’a ture hin jedhin, Garuu akkas jedhi: Rabbiin waan fedhe dabarse, wahuma fedhe hojjate, sababni isaas (osoon) hojii sheyxaanaa waan namatti bantuuf jecha".Muslimtu gabaase
عن أنس بن مالك رضي الله عنه عن رسول الله صلى الله عليه وسلم أنه كان إذا أكل طعاما، لعق أصابعه الثلاث. قال: وقال: «إذا سقطت لُقمة أحدكم فليُمِطْ عنها الأذى، وليأكلها ولا يَدَعْهَا للشيطان» وأمر أن تُسْلَتَ القَصْعَةُ، قال: «فإنكم لا تدرون في أيِّ طعامكم البركة» وعن جابر بن عبد الله رضي الله عنه أن رسولَ اللهِ صلى الله عليه وسلم قالَ: "إنّ الشيطانَ يَحضُرُ أحدَكُم عندَ كلِ شيءٍ من شَأنِه، حتى يَحضُرَهُ عندَ طعامِهِ، فإذا سَقطتْ لقمةُ أحدِكُم فليَأخُذْها فَلْيُمِطْ ما كانِ بها من أذى، ثم ليَأكُلْها ولا يَدَعْها للشيطانِ، فإذا فَرَغَ فليَلْعَقْ أصابعَهُ، فإنه لا يَدري في أيِّ طَعامه البركة"حديث أنس رواه مسلم. حديث جابر رواه مسلم
Jariir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaalatu- ni jedhe: Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira turree, halkan tokko -isheen halkan kudha afraffaati- gara ji'aa ilaalanii, akkas jedhan: "Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kanaa argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan. Yoo salaata osoo aduun hin bahinii fi osoo hin lixinii irratti moo'atamuu dhabuu dandeessan, hojjadhaa, eegasii ni qara'an: "{Osoo aduun hin bahinii fi osoo aduun hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Muusa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu» ni jedhe: eegasii Aayaa qur'aanaa kana qara'ani: «{Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo (warra) magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102]».Bukharif muslim irratti waliigalan
Garii haadholee manaa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa akka odeeffametti nabiyyiin-Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni waa himaa bira dhufee waan tokko irraa isa gaafate, salaanni halkan afurtamaa isaaf hin qeebalamu».Muslimtu gabaase
عن عبد الله بن مسعود رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم أنه قال: "أكبر الكبائر: الإشراك بالله، والأمن من مَكْرِ الله، والقُنُوطُ من رحمة الله، واليَأْسُ من رَوْحِ الله".رواه عبد الرزاق
عن البراء بن عازب –رضي الله عنهما- قال: كانَ رجلٌ يَقرَأُ سُورةَ الكهفِ، وعندَه فَرَسٌ مَربُوطٌ بِشَطَنَيْنِ، فَتَغَشَّتْهُ سَحَابَةٌ فَجَعَلَتْ تَدْنُو، وجَعلَ فَرَسُه يَنفِرُ منها، فلمّا أصبحَ أتَى النبيَّ صلى الله عليه وسلم فَذَكرَ ذلك له، فقالَ: «تِلكَ السَّكِينةُ تَنَزَّلَتْ للقُرآنِ».متفق عليه
عن أبي الدرداء رضي الله عنه أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: «مَنْ حَفِظَ عَشْرَ آيَاتٍ مِنْ أَوَّلِ سُورَةِ الكَهْفِ، عُصِمَ مِنَ الدَّجَّالِ». وفي رواية: «مِنْ آخِرِ سُورَةِ الكَهْف».رواه مسلم
عن أبي هريرة رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: «ما توطَّنَ رجلٌ مسلمٌ المساجدَ للصلاة والذِّكر، إلا تَبَشْبَشَ اللهُ له، كما يَتَبَشْبَشُ أهلُ الغائب بغائبهم إذا قَدِمَ عليهم».رواه ابن ماجه وأحمد
Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu ni jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: Rabbiin ol tahe ni jedhe: Nama jaalallee koo diineffate, ani dhugumatti lola isa beeksiseera, Garbichi koo wanta ani isa irratti dirqama godhe hojjachuu caalaa waa tokkoon Natti hin dhihaanne, Gabrichi koo hangan isa jaalladhutti sunnaa raawwachuudhaan Natti dhihaachuu irraa hin deemu, yoon isa jaaladhe, ani dhageettii isaa kan inni ittiin dhaga'u, ija isaa kan inni ittiin argu, harka isaa kan ittiin qabatu, miila isaa kan ittiin deemu isaaf ta'a, yoo na kadhate isaaf kenna, yoo inni natti maganfate isa nan tiksa, Lubbuu nama mu'uminaa fuufhuu irraa akka duubatti deebi'etti waanan hojjedhu tokko irraa duubatti deebi'ee hin beeku, inni du'a jibba, ani immoo isa hammeessuu jibba".Bukhaariitu gabaase
عن أنس بن مالك وأبي هريرة رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم فيما يرويه عن ربه عز وجل قال: «إذا تَقَرَّبَ العبدُ إليَّ شِبْرًا تَقَرَّبْتُ إليه ذِرَاعًا، وإذا تَقَرَّبَ إليَّ ذِرَاعًا تَقَرَّبْتُ مِنْهُ بَاعًا، وإذا أتاني يمشي أَتَيْتُهُ هَرْوَلَةً».حديث أنس -رضي الله عنه- رواه البخاري . حديث أبي هريرة -رضي الله عنه- متفق عليه
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Iimaanni damee torbaatamii fi wohi -yookaan jaatamii fi wohi-, irra caalaan isaa jecha Laa ilaaha illallaah jedhuudha, irra gadi aanaan isaa waan nama rakkisu karaa irraa dabsuudha, saalfiinis damee tokko kan iimaana irraa ta'e».Bukharif muslim irratti waliigalan
Adiyyii ibnu Haatim irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Eenyuu keessanuu Rabbiin haala gidduu isaatii fi gidduu keessanitti turjumaanni hin jirreen isa haasofsiisu malee hin hafu, namichi yeroo sana mirga isaa ilaalee waan dabarse malee homaa hin argu, gara bitaa isaas ilaalee waan dabarse malee homaa hin argu, fuuldura isaas ilaalee ibidda malee fuula isaa duratti homaa hin argu, Rabbiin sodaadhaa cinaa tamiraatiin osoo ta'ellee».Bukharif muslim irratti waliigalan
عن عبد الله بن عكيم رضي الله عنه مرفوعاً: «مَنْ تَعَلَّقَ شيئا وُكِلَ إليه».رواه أحمد والترمذي
Xaariq ibnu Ashyam Al-Ashja'ii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra».Muslimtu gabaase