OM
All hadiths
The complete card collection, filter by chapter
Qur'aana kabajamaafii bekkomsoota waayee isaa.
26
hadiisaafii beekkomsa waayee isaa
3
aqiidaa
135
fiqhiifii beekkomsa hundee isaa
288
sadarkaaleefii naamusoota
288
yaaminsaafii gorsa
15
iiraafii seenaa
38
655 hadiths
عن عبد الله بن مسعود رضي الله عنه مرفوعاً: «يُؤْتَى بجهنم يومئذ لها سبعون ألف زِمَامٍ مع كل زمام سبعون ألف ملك يَجُرُّونَهَا».
رواه مسلم
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه: أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ يَقُولُ فِي سُجُودِهِ: «اللهُمَّ اغْفِرْ لِي ذَنْبِي كُلَّهُ دِقَّهُ، وَجِلَّهُ، وَأَوَّلَهُ وَآخِرَهُ وَعَلَانِيَتَهُ وَسِرَّهُ».
رواه مسلم
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha".
Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
عن أبي سعيد الخدري رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : "الْبَاقِيَاتُ الصَّالِحَاتُ، لَا إلَهَ إلَّا اللَّهُ، وَسُبْحَانَ اللَّهِ، وَاَللَّهُ أَكْبَرُ، وَالْحَمْدُ لِلَّهِ، وَلَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إلَّا بِاَللَّهِ".
رواه ابن حبان والحاكم، أما النسائي فرواه في الكبرى لكن من حديث أبي هريرة
Anas bin Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatuu- akkana jedhan: «Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».
abuu daawud, tirmizii, nasa'iin odeessan
Abuu Hureyraa irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Yaa Rabbi amantii koo isa eegumsa kiyyaaf ta'e naaf tolchi, Addunyaa koo kan jireenyi koo keessatti ta'us naaf fooyyessi, Aakhiraa koo kan deebiin koo isa keessatti ta'us naaf tolchi, Jireenya koo kan waan gaarii hundumaa irraa keessatti dabaladhu naaf taasisi, Du'aas kan hamtuu hunda irraa itti boqadhu naaf taasisi».
Muslimtu gabaase
Abuu Muusaa irraa odeeffame Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kadhaa kanaan kadhataa turan: «Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalagee fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha».
Bukharif muslim irratti waliigalan
Ibnu Umar irraa odeeffame -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- galgalaa fi ganama du'aa'iilee kanneen hin dhiisan ture: «Yaa Rabbi addunyaa fi aakhirattis fayyaa si kadhadha, Yaa Rabbi dhiifamaa fi fayyaa Amantii koo, addunyaa koo, maatii koo fi qabeenya koo keessatti si kadhadha, yaa Rabbi eybii koo naa sattari, sodaa irraa bilisa na baasi, Yaa Rabbi dura koo, duuba koo, mirga koo, bitaa koo fi gubbaa koo na tiksi, bakka ani hin beekne irraa balaa natti dhufu irraan sitti maganfadha».
abuudaawud, nasaii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
Abdullaah bin Umar irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Du'aa'ii Ergamaa Rabbii keessaa tokko kana ture, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu: «Yaa Rabbi, qananiin kee baduu irraa, fayyaan jijjiiramuu irraa, balaa tasaa fi dallansuu kee hundumaa irraa sitti maganfadha».
Muslimtu gabaase
Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jechoota kanneenin kadhataa turan: «Yaa Rabbi! liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha».
nasa'iif ahmad odeesse
عن عبد الله بن عمر رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: «المؤمن الذي يخالط الناس، ويصبر على أذاهم خير من الذي لا يخالط الناس ولا يصبر على أذاهم».
رواه الترمذي وابن ماجه وأحمد
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “Mu'uminni cimaatu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala, irra jaallatamaasi, haa jennuu malee hunduma keessa kheyriin ni jira, waan si fayyadu irratti bololi, Rabbiin gargaarsifadhu malee hin dadhabin, wanti ati hin jaallanne wahii yoo si mudate, osoon akkasii fi akkas godhee silaa akkasii fi akkas ta’a ture hin jedhin, Garuu akkas jedhi: Rabbiin waan fedhe dabarse, wahuma fedhe hojjate, sababni isaas (osoon) hojii sheyxaanaa waan namatti bantuuf jecha".
Muslimtu gabaase
عن أبي هريرة رضي الله عنه عن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: «الْمُؤْمِنُ مِرْآةُ أَخِيهِ الْمُؤْمِنِ».
رواه أبو داود والترمذي
عَنْ أَبِي الدَّرْدَاءِ رضي الله عنه: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: «إِنَّ اللَّعَّانِينَ لَا يَكُونُونَ شُهَدَاءَ وَلَا شُفَعَاءَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ».
رواه مسلم
Nu'umaan ilma bashiir irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha", eegasii Aayaa qur'aanaa tan hiikkaan isii akkas jedhu qara'ani: "Rabbiin keessan ni jedhe: na kadhaa isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".[Gaafir: 60]
abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan
عَنْ عِيَاضِ بْنِ حِمَارٍ أَخِي بَنِي مُجَاشِعٍ رَضيَ اللهُ عنه قَالَ: قَامَ فِينَا رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ ذَاتَ يَوْمٍ خَطِيبًا، فَقَالَ: وَسَاقَ الْحَدِيثَ وَفِيهِ: «وَإِنَّ اللهَ أَوْحَى إِلَيَّ أَنْ تَوَاضَعُوا حَتَّى لَا يَفْخَرَ أَحَدٌ عَلَى أَحَدٍ، وَلَا يَبْغِي أَحَدٌ عَلَى أَحَدٍ».
رواه مسلم
Anas irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jechuudha ture: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi".
Bukharif muslim irratti waliigalan
Shaddaad bin Aowsi irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- ni jedhan: “Gooftaan istighfaaraa ati akkas jechuudha: Yaa Rabbi Ati Gooftaa kooti si malee haqaan gabbaramaan hin jiru, situ na uume ani gabricha keeti, hamman danda'een ahdii keeti fi waadaa kee irra jira, hamtuu waanan hojjedhe irraa sitti maganfadha, qananii ati na irratti oolte siif raggaasisa, dilii koos siif raggaasisa, kanaaf naaf araarami, si malee kan namaa araaramu hin jiru", ni jedhani: "Namni isii dhugoomsaa haala ta'een guyyaa keessatti isii jedhee, osoo hin galgalaayin du’e, inni warra jannataa irraayi, namni isii dhugoomsaa haala ta'een halkan keessatti isii jedhee, osoo hin bari'in du’e, inni warra jannataa irraayi".
Bukhaariitu gabaase
Abdullaah ibnu mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef, hanga Rabbiin biratti akkaan dhugaa dubbataa jedhamee barraa'utti namichi dhugaa dubbachuu fi dhugaa barbaaduu irraa boodatti hin jedhu, adaraa soba irraa of eeggadhaa, sobni gara jal'inaatti qajeelcha, jal'inni immoo gara ibiddaatti qajeelcha waan ta'eef, hanga akkaan sobaa jedhamee Rabbiin biratti barraa'utti namichi sobuu fi soba barbaaduu irraa boodatti hin jedhu».
Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Jechoota lama kan arraba irratti laafoo ta'an, miizaana irratti ulfaatoo ta'an, Rahmaaniin biratti jaallatamoo ta'an: Subhaanallaahil Aziim, Subhaanallaahi wa bihamdih".
Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-ni jedhani: "Du'aa'ii caalaa wanti Rabbii ol ta'e biratti irra kabajamu hin jiru".
tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Sadaqaan qabeenya kamuu irraa hin hir'ifne, Rabbiin garbicha tokkoof dhiifama gochuu isaatiif injifannoo malee homaa hin daballe, namni tokkoyyuu Rabbiif jecha gad of qabee Rabbiin ol isa fuudhu malee hin hafu".
Muslimtu gabaase
Abu Addardaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa".
tirmiziifii ahmad odeessan
Previous page
Page 13 of 28
Next page