231 hadiths
Abdullaah ibnu salaam irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo gara madiinaa dhufanitti namoonni ariifatanii gara isaaniitti deemuun akkas jedhame: ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, ergamaan Rabbii dhufani, yeroo sadi, ani eegasii isaan laaluuf jecha gara namootaatti dhufe, yeroon fuula isaanii argetti, fuulli isaanii akka fuula sobaa hin taanen bare, jalqaba wonti ani isaanii dubbatu dhaga'e akkas jechuu isaaniiti: «Yaa ilmaan namaa salaamataa facaasaa, nyaata nyaachisaa, firooma fufaa, yeroo namni rafu halkaniin salaataa, nagaadhaan jannata seentuutii».tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
Sa'ad bin Abii Waqqaas irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: “Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" diliin isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”.Muslimtu gabaase