62 hadiths
Abuu Muusaa irraa odeeffame Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kadhaa kanaan kadhataa turan: «Yaa Rabbii koo, dilii koo fi wallaalummaa koo naaf dhiisi, dhimma koo hunda keessattis garmalee waa qisaasessuus naaf dhiisi, waan ati ana irraa beektus naaf dhiisi, Yaa Rabbi dilii koo, waan beekaa dalage, waan wallaalummaan dalagee fi qoosaa koo naaf dhiisi, hundi ana bira jira, Yaa Rabbi waan dursee fi waan hafees naaf dhiisi, waan dhoksee dalagee fi ifaatti dalages naaf dhiisi, ati (abbaafeete) dursaa dha, ati (abbaafeete) boodattis hanbisaadha, ati waan hunda irratti danda'aadha».Bukharif muslim irratti waliigalan
Ibnu Umar irraa odeeffame -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- galgalaa fi ganama du'aa'iilee kanneen hin dhiisan ture: «Yaa Rabbi addunyaa fi aakhirattis fayyaa si kadhadha, Yaa Rabbi dhiifamaa fi fayyaa Amantii koo, addunyaa koo, maatii koo fi qabeenya koo keessatti si kadhadha, yaa Rabbi eybii koo naa sattari, sodaa irraa bilisa na baasi, Yaa Rabbi dura koo, duuba koo, mirga koo, bitaa koo fi gubbaa koo na tiksi, bakka ani hin beekne irraa balaa natti dhufu irraan sitti maganfadha».abuudaawud, nasaii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
Shaddaad bin Aowsi irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- ni jedhan: “Gooftaan istighfaaraa ati akkas jechuudha: Yaa Rabbi Ati Gooftaa kooti si malee haqaan gabbaramaan hin jiru, situ na uume ani gabricha keeti, hamman danda'een ahdii keeti fi waadaa kee irra jira, hamtuu waanan hojjedhe irraa sitti maganfadha, qananii ati na irratti oolte siif raggaasisa, dilii koos siif raggaasisa, kanaaf naaf araarami, si malee kan namaa araaramu hin jiru", ni jedhani: "Namni isii dhugoomsaa haala ta'een guyyaa keessatti isii jedhee, osoo hin galgalaayin du’e, inni warra jannataa irraayi, namni isii dhugoomsaa haala ta'een halkan keessatti isii jedhee, osoo hin bari'in du’e, inni warra jannataa irraayi".Bukhaariitu gabaase
Abdullah bin Khubayb irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Halkan roobaa fi dukkana cimaa qabu wahii keessa, Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra jiraatu- akka isaan nuun salaatan kan barbaannu haala taanen baane, ni jedhe: isaan nin dhaqqabe, isaanis naan jedhani: “Jedhi”, ani homaa hin jenne, eegasii ni jedhani: “Jedhi”, anis homaa hin jenne, ni jedhani: "Jedhi", anis nin jedheen: Maalin jedha? ni jedhani: «{Jedhi: Inni Rabbii tokkicha} fi Mu'awwazateynii yeroo galgalaa fi ganamaa yeroo sadii, waan hundumaa irraa siif geessi".abuu daawud, tirmizii, nasa'iin odeessan