Hadith for the World
sadarkaaleefii naamusoota

barnoota amalagaarii

56 hadiths

56 hadiths

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Jabaan kan wallaansoo qabee injifate osoo hin taane, dhugumatti jabaan isa yeroo dallansuutti lubbuu isaa too'atuudha".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Mas'uud Al-ansaarii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun malli na harkaa badee karaan natti cufame waanan yaabbadhee deemu naaf kenni jedheen, Nabiyyiinis "Hin qabu" jedhaniin, namichi tokko yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhee, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: "nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira".Muslimtu gabaase
عن عبد الله بن عمرو بن العاص رضي الله عنهما أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: «من الكبائر شَتْمُ الرجل والديه» قيل: وهل يسبّ الرجل والديه؟ قال: «نعم، يسبّ أبا الرجل فيسبّ أباه، ويسبّ أمّه، فيسبّ أمّه».متفق عليه
Abuu Hurayraa irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane toltuu haa dubbatu yookaan immoo haa callisu, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane ollaa isaa haa kabaju, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiratti amane keessummaa isaa haa kabaju".Bukharif muslim irratti waliigalan
Jariiir ilma Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Nama namaaf rahmata hin goone Rabbiin ol ta'e rahmata isaaf hin godhu".Bukharif muslim irratti waliigalan
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Rabbiin biratti akkaan irra jibbamaan namootaa nama falmii gogaa falmuudha".Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".tirmizii, ibnumaajahfii ahmad odeessan
عن أبي هريرة رضي الله عنه عن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: «الْمُؤْمِنُ مِرْآةُ أَخِيهِ الْمُؤْمِنِ».رواه أبو داود والترمذي
عَنْ أَبِي الدَّرْدَاءِ رضي الله عنه: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ: «إِنَّ اللَّعَّانِينَ لَا يَكُونُونَ شُهَدَاءَ وَلَا شُفَعَاءَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ».رواه مسلم
عَنْ عِيَاضِ بْنِ حِمَارٍ أَخِي بَنِي مُجَاشِعٍ رَضيَ اللهُ عنه قَالَ: قَامَ فِينَا رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ ذَاتَ يَوْمٍ خَطِيبًا، فَقَالَ: وَسَاقَ الْحَدِيثَ وَفِيهِ: «وَإِنَّ اللهَ أَوْحَى إِلَيَّ أَنْ تَوَاضَعُوا حَتَّى لَا يَفْخَرَ أَحَدٌ عَلَى أَحَدٍ، وَلَا يَبْغِي أَحَدٌ عَلَى أَحَدٍ».رواه مسلم
Abdullaah ibnu mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Adaraa dhugaa qabadhaa, dhugaan gara toltuutti qajeelcha, toltuun immoo gara jannataatti qajeelcha waan ta'eef, hanga Rabbiin biratti akkaan dhugaa dubbataa jedhamee barraa'utti namichi dhugaa dubbachuu fi dhugaa barbaaduu irraa boodatti hin jedhu, adaraa soba irraa of eeggadhaa, sobni gara jal'inaatti qajeelcha, jal'inni immoo gara ibiddaatti qajeelcha waan ta'eef, hanga akkaan sobaa jedhamee Rabbiin biratti barraa'utti namichi sobuu fi soba barbaaduu irraa boodatti hin jedhu».Bukharif muslim irratti waliigalan
Abu Addardaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Namni kabajaa obboleessa isaa irraa ittise Rabbiin guyyaa qiyaamaatti fuula isaa irraa ibidda deebisa".tirmiziifii ahmad odeessan
Sa'ad ibnu Abii Waqqaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e jedhe: «Rabbiin gabricha (isa) sodaataa, of ga'aa, dhokataa ta'e jaallata».Muslimtu gabaase
Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffame Rabbi isaan lamaan irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan: “Guyyaa Qiyaamaa miidhaan dukkana waan ta’uuf, miidhaa irraa of eeggadhaa, doqnyummaa bololaan waliinii irraas of eeggadhaa, baraa doqnyummaa bololaan waliinitu warra isin dura turan balleesse, Dhiiga isaanii akka dhangalaasan akkasumas haraama isaanii akka halaala godhatan isaan taasiseera".Muslimtu gabaase
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: «Irra iimaana guutuun mu'umintootaa haala irra tolaa worra qabanu, irra caalaan keessan dubartoota isaaniitiif worra irra caalaa ta'anidha».abuu daawud tirmizii fiiahmad odeessan
Aa'ishaa haadha manaa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Gara laafummaan waan tokko keessatti hin ta'u isa faayu malee, waan tokko irraa hin fuudhamu isa jibbisiisu malee».Muslimtu gabaase
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Mu'uminni haala toluu isaatin sadarkaa nama soomuu fi halkan dhaabbatuutti qaqqaba».abuu daawudiifii ahmad odeessan
Abdullaah ibnu Amrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- (baalagee) uumaa isaaniitti nama waan fokkataa hojjatuu fi dubbatu hin turre akkasuma nama waan fokkataa barbaadee hojjatus hin turre, akkas jedhu ture: «Irra filatamaan keessan nama haalli isaa irra tolaa ta'eedha».Bukharif muslim irratti waliigalan
Abuu Muusa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Rabbiin warra nama miidhuuf yeroo qabaaf, yeroo isa qabetti immoo gad isa hin dhiisu» ni jedhe: eegasii Aayaa qur'aanaa kana qara'ani: «{Akkuma kana Qabaan Rabbii keetii yeroo (warra) magaalota haala isiin miidhaa hojjattuun isii qabe, qabaan isaa akkaan laalessaa akkaan jabaadha} [suuraa Huud: 102]».Bukharif muslim irratti waliigalan
Anas ibnu Maalik irraa odeeffame -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan: «Laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin baqachiisinaa».Bukharif muslim irratti waliigalan
عن أبي هريرة رضي الله عنه مرفوعًا: «بينما رجل يمشي في حُلَّةٍ تُعْجِبُهُ نَفْسُهُ، مُرَجِّلٌ رأسه، يَخْتَالُ في مَشْيَتهِ، إذ خَسَفَ اللهُ به، فهو يَتَجَلْجَلُ في الأرض إلى يوم القيامة".متفق عليه
عَنْ أَبِي مُوسَى الأَشْعَرِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «أَطْعِمُوا الجَائِعَ، وَعُودُوا المَرِيضَ، وَفُكُّوا العَانِيَ».رواه البخاري
عن عبد الله بن مسعود رضي الله عنه عن النبيِّ صلى الله عليه وسلم ، قَالَ: «لا يدخلُ الجنةَ مَن كان في قلبه مِثقال ذرةٍ من كِبر» فقال رجل: إنّ الرجلَ يحب أن يكون ثوبه حسنا، ونَعله حسنة؟ قال: «إنّ الله جميلٌ يحب الجمالَ، الكِبر: بَطَرُ الحق وغَمْطُ الناس».رواه مسلم
Samuraa ibnu jundubii fi Mughiiraa ibnu Shu'ubaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhani: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Osoo soba ta'uu isaa beekuu namni hadiisa tokko narraa odeesse, inni sobdoota irraa isa tokkodha».رواه مسلم في مقدمته